Abstract:
Oomishnii fi oomishtummaan maangoo bara 2010 A.L.A, yeroo weerarri ilbiisa qola adii maangoo biyya keenya keessa galee kaasee haala ariifachiisaadhaan gadi bu’aa adeemeera. Ilbiisni kun sadarkaa guddina maangoo hundaa kan miidhu yoo ta’u, baala maangoo harcaasuu fi daraaraa gatachiisuudhaan oomishitummaa irratti dhiibbaa guddaa geessisa. Caalatti ammoo, firii maangoo (mango fruit) waan weeraruuf qulqullina isaa gadi buusa. Haalli kun gabaa naannoo fi al-ergii (export) biyyi keenya qabdu irratti dhiibbaa guddaa qaba.
Kanarraa kan ka’e akka biyya keenyaatti haala ittisa ilbiisa kanaarratti ragaaleen ga’aa hin jiran. Haa ta’u malee, farra ilbiisaa adda baasuu fi dandeettii ittisuu isaanii madaaluu akkasumas mala kununsa damee maangoo irratti yaaliin adda addaa gaggeeffameera. Leenjiin haala ilbiisicha adda baasuu fi maloota to’annoo isaarrati ogeessota qonnaa fi qonnaan bultootaaf kennamaa tureera. Dhiibbaan ilbiisichi maangoo irraan geessisu dabalaa adeemuu irraa kan ka’e, gaaffiin qajeelcha to’annaa ilbiisichaa olka’aa dhufeera.
Kanaafuu, qajeelfamni kun haala sakatta’iinsaa fi ittisa ilbiisa kanaarratti ragaalee jiran ibsuu fi qindeessuu irratti xiyyeeffata. Akka walii galatti, haalli itti ilbiisa kana adda baasan, mallattoolee fi tartiibotni sakatta’iinsaa fi ittisa ilbiisichaa qajeelfama kana keessatti hammatameera. Qajeelfamni kun ragaalee akka biyyaatti jiraniifi bu’aaleen qorannoo biyya alaatti argaman irratti xiyyeefatee kan qindaa’edha. Walumaa galatti, barruun kun ilbiisicha adda baasuu, sakatta’iinsa gaggeessuu, maloota to’annoo adda addaa fi haala farra ilbiisaa itti biifan maangoo guddinni isaa madaalawaa ta’e irratti kan daanga’eedha. Kanaafuu barulleen kun qonnaan bultootaa, investerootaa fi ogeeyyii qonnaaf gargaarsa olaanaa qaba.